Kabajamtoota HD GS-ABO J. Dawud Ibsaa, Miseensota Sh.G GS-ABO, Qondaalota dhaabaa dirqama adda addaa irra jirtan, Miseensonnii fi Deeggartoonni ABO fi akkasumas firoottan qabsoo keenyaa hundaaf nagoomiin jaallumma isin haa gahu!
Korri miseensota ABO Kaaba Ameerikaa (Kanadaa fi Ameerikaa) Kora sabaatti aanee waltajjii dhaabaa guddaa irratti dhimmooti jajjaboo fi murteessoon mareef ka’anii dha. Seenaa ABO keessatti korri kun bakka guddaa qaba.
Caalaatti ammoo Korri Xiqqaan amma kun yaroo murteessaafi barbaachisa tahuu beekne deeggaruun dhimmoota fardiiwwan qabsoo bilisummaa Oromootti didha tahan ijoo maree kora kana tahuun, itti bahisaamoo Oromoota lakkoobsaan hin tufatamne keessatti sababa rakkoolee keessattuu gartuu qalbi-maleeyyi kunneen yaroo adda ddaa umurii ABO haga ammaa keessatti gariin gandatti ofnaquun, gariin ammoo dantaa dhuunfaa duuba goruun abdii sabichi QBO fi ABO irraa qabu laamshesse akka haaromsu abdanna. Kana irra darbuunis rakkoo keessa keenya irra aannee humnaa fi dandeettii qabnuun diina keenya muummee irratti akka fuulleffatnuuf murtilee jajjaboo dabarsa jetnee amanna.
Kanaaf nuti Sochii Oarattoota Oromoo Bahaa Afirkaa (SBOBA)dhaabaa jalatti caaseffamuun qabsoo keenya waliin fuulduratti tarkaanafachisuuf hiriiruu keenyaa isin beeksisaa
Korichi ka milkii fi injifannoo akka ta’u hawwina!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
Injifannoon Ummata Oromoof!
****><****
Sochii Barattoota Oromoo Bahaa Afrikaa (SBOBA)
Adoolessa 2009
Naayroobi keenya